Sararri Ifaan Ibidda fakkaatuufi galgala naannoo Sa'aatii 1:30 samiirratti muldhatan Afaan Qorattoota Hawaatiin ''Meteor'' jedhamuun waamamu.
Meteor'n sarara ifaa samii keessatti mul'atu yoo ta'u, yeroo metirooyidiin qilleensa lafaa seenu gubatudha. Gama biraatiin Meeti'ooriin urjii dhukaasaa(shooting stars) ykn immoo ''falling stars'' jedhamuunis ni waamamu.
Meetirooyidoonni dhagaa ykn sibiilaa xixiqqoo aduutti naanna’anidha.
Meetirooyidoonni kan uumaman yeroo asteroyidoonni walitti bu'an ykn yeroo koomeetonni dafqaa fi caccabaa dhangalaasanidha.
Meetirooyidiin tokko qilleensa lafaa keessa yeroo seenu sababa wal-nyaatinsa qilleensa irraa dhufuun ni ho'a. Ho'i kun gaazonni naannoo meetirooyidichaa akka ifan ni taasisa, kunis meteor uuma.
Meetiyooraayitoonni asteroyidii fi pilaaneetota biroo irraa dhufan saayintistoonni adeemsa pilaaneetota keessatti raawwataman gadi fageenyaan akka hubatan kan gargaaranidha.
Meteor'n sarara ifaa samii keessatti mul'atu yoo ta'u, yeroo metirooyidiin qilleensa lafaa seenu gubatudha. Gama biraatiin Meeti'ooriin urjii dhukaasaa(shooting stars) ykn immoo ''falling stars'' jedhamuunis ni waamamu.
1. Meeti'oorotni akkamitti uumamu?
Meetirooyidoonni dhagaa ykn sibiilaa xixiqqoo aduutti naanna’anidha.
Meetirooyidoonni kan uumaman yeroo asteroyidoonni walitti bu'an ykn yeroo koomeetonni dafqaa fi caccabaa dhangalaasanidha.
Meetirooyidiin tokko qilleensa lafaa keessa yeroo seenu sababa wal-nyaatinsa qilleensa irraa dhufuun ni ho'a. Ho'i kun gaazonni naannoo meetirooyidichaa akka ifan ni taasisa, kunis meteor uuma.
2. Metirooyidootni guutummaatti yoo hin gubanne maaltu ta'aa?
Meetirooyidiin yoo guutumatti gubachuu baate meetirooyitii jedhamuun lafa rukuta.Meetiyooraayitoonni asteroyidii fi pilaaneetota biroo irraa dhufan saayintistoonni adeemsa pilaaneetota keessatti raawwataman gadi fageenyaan akka hubatan kan gargaaranidha.