Faayidaalee Hirriba Gahaa Fafuu

Amaloota ilma namaa, uumaan badhaase keessaa tokko kan ta'e hirribni adeemsa Uumaaman seelotni guyyaa guyyaan itti of haroomsanidha.
Hirribni ilma namaaf faayidaa hedduu qaba; isaan keessaa muraasni:-
1.Dandeettii dhibee dandamachuu (Madinuummaa) qaama keenyaa ni dabala
2.Dandeettii waa yaadachuu, waan haaraa kalaquu, si'aa'inna fi xiiyyefannoo hojii keenyaa nuf dabala
3.Bu'aa bahii jireenya ilma namaa keessatti muudatan hundaa haala salphan akka furruu fi murtee gaarii akka murteessinuuf hedduu gargaara
4.Ulfaatinni qaama keenyaa akka madaalawaa ( garmalee hin furdanne fi hin qal'anne) ta'uf gahee guddaa taphata
5.Walqunnamtii saalaa gaarii ta'e gaggeessuuf hedduu fayyada.
6.Dhiphina sammuu hamaa ta'e nurraa balleessa
7.Carraa dhibee sukkaaraa gosa/gartuu 2ffaan (type 2 DM) qabamuu keenya ni hir'isa
8.Fayyumma onnee keenya fi rakkoolee onnee waliin walqabatanii dhufan ni hir'isa
9.Dhiibbaan dhiigaa akka too'atamu godha
10.Walitti dhufeenya fi walii galtee gaarii namoota naannoo keenyaa waliin akka qabannu hedduu nu gargaara
Namni tokko Hir'iba gahaa rafe kan jedhamu sa'a meeqa?
Sa'aan namni tokko guyyatti rafuu qabu, Umrii fi nama irratti hunda'a. Daa'imman sa'a baayyee rafu; akkuma Umriin isaanii dabalaa deemun sa'aan isaan rafan hir'achaa deema.
Namni ga'eessi tokko sa'a 6-8 rafuun gahaadha jedhamee yaaddama.

Post a Comment

Previous Post Next Post

Popular Items