Hirqinfuu(Hiccups)

Hirqinfuun mallattoo jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti nu mudatuudha. Innis miiraa hin taane namatti akka dhaga'amu gochurra darbee nama biratti gaafa tahu miira hin taane uumuu danda'a.

SABABOOTA HIRQINFUU


**** Walumaagalatti hirqinfuun kan uumamu sababa maashaa hargansuu kan tahe diyaafiraamii jedhamu kan laphee ykn qooma keenya garaacha irraa adda baasu fedhii malee kottoonfachuutin dha.

SABABOOTA HIRQINFUU fidan:

*Garaachi afuufamuu fkn nyaatan ,alkoolii fi qilleensaan
*Alkoolii ykn tamboo bayyisanii yeroo tokko fayyadamuu
*Rakkoo sammuu keessatti uumamu kanneen akka rakkoo dhalootaa , kansarii sammuu fi kkf
*Infeekshii sammuu
*Rukuttaa ykn balaa mataa irra gahu
*Infeekshinii naannoo maashaa diyafiraamii jiru kamiyyuu
*Dhukkuba garaachaa fi kkf
HUBADHAA: Hirqinfuun garri caalu kunis 90% ol kan yeroo muraasaa turuu, ofumaan dhiisuu fi yaala kamiyyuu kan hin barbaachifneedha. Garuu kan yeroo bayyee deddeebi'u fi dafee hin dhaabbanne akkasumas mallattoolee garabiraan waliin dabalatee qaba yoo tahe gara mana yaalaa deemanii ilaalamuun gaariidha.
Hirqinfuu dhabbachuu diduu fi irra dedeebiin muudatu mallattoo dhukkuba cimaas ta'uu danda'a.

AKKAMITTI DHAABUU DANDEENYA?


****
1.Qilleensa keessan keessatti qabachuun yeroo sadi hancufa liqimsuu
2.Bishaan dafanii itti dhuguu
3.Arraba keessan qarqara isaa qabdanii daqiiqaa muraasaf harkisuu
4.Jilba keenya lamaan laphee keenyatti qabuun daqiiqaa lamaaf haammachuu
Galatoomaa!!!
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!

Post a Comment

Previous Post Next Post

Popular Items