~~~~~~~~~~~\\\~~~~~~~~~~~
1️⃣.Qorichi Aspirin maali?
✍Aspirin~jechuun qoricha garee (Salicylate) jedhamuu ta'ee wantoota qaama keessati inifilaameeshiinii (kulkula),dhukkubbii,tempireechari qaamaa dabaluu,dhiita'uu fi kantaruu dhiigaatiif sababa ta'uu danda'aan akka hin uumamne ittisuuf gargaara.
▪︎Mallattoo dhukkuba rheumatoid arthritis.
▪︎Mallattoo dhukkuba osteoarthritis.
▪︎Tempireechara qaamaa to'achuuf.
▪︎Dhukkubbii mataa.
▪︎Dhukkubbii yeroo marsaa laguu.
▪︎Dhukkubbii ilkaanii.
▪︎Dhukkubbii maashaalee.
▪︎Dhukkubbii qomaa.
▪︎Dhukkuba miidhama onnee ittisuuf.
▪︎Dhukkuba iistirookii ittisuuf fi kkf yaaluuf gargaara.
✍Namoonni alarjii qoricha Aspirin, dhibee garaachaa fi dhiiguu mar'iimaanii,dhibee asmii,dhiiguu,alargii qorichoota garee farra dhukkubbii (NSAID) qabu qoricha kana gonkuma fayyadamuu hin qabuu.
✍Namoonni dhukkuba asmii ykn rakkoo fayyaa alarjii, madaa garaachaa,dhukkuba tiruu,kalee,rakkoo dhiiguu ykn kantaruu dhiigaa qabu,dhukkuba onnee, dhibee dhiibbaa dhiigaa olka'a,dadhabina onnee, fi kkf qabu ogeessa fayyaa beeksisu malee qoricha kana fayyadamuu hin qabuu.
✍Akkasumas yeroo qoricha Aspirin yaalaaf fayyadamaa jirru alcoolii dhuguu irraa fagaachuu qabna.
✍Qorichoonni qabbanaa,alarjii fi qorichoonni dhukkubbii qoricha aspirin ykn qorichoota (NSAID) biroo of keessaa qabaachuu wan maluuf ogeessa fayyaa gaafannu malee callisnee qorichoota kana qoricha Aspirin walin fayyadamuu hin qabnuu.
✍Yeroo qoricha aspirin dhibee istirookii fi miidhama onnee yaaluuf fudhachaa jirru akkasumas qoricha ibuprofen rakkoo fayyaa birootiif yoo fayyadamne qorichoota kanniin walirra buusnee fayyadamuu hin qabnu qoricha ibuprofen yoo xiqqate daqiiqaa 30 booda aansinee ykn sa'atii 8 qoricha aspirin dursinee fayyadamuu qabna.
✍Dubartiin ulfaa qoricha Aspirin ji'oota ulfaa gara boodaa fayyadamuun haadha ykn daa'ima ishee yeroo da'umsaa rakkoo dhiiguutiif saaxiluu wan maluuf ogeessa fayyaa gaafattu malee qoricha kana fayyadamuu hin qabduu.
✍Haati hoosiftuu qoricha aspirin fayyadamtee daa'ima ishii hoosisuu hin qabduu.
✍Ijoolleen waggaa 16 gadii qoricha Aspirin fayyadamuu hin qabduu.
✍ Qoricha kana iddoo hoo'aa fi jiidhaa irraa fageeysinee tempireechara dareetti kuusuu qabna.
✍Akkaatuma ogeessi fayyaa ajajeti sirriti hubannee fudhachuu qabna.
✍Qoricha Aspirin gubaa garaachaa hir'isuuf nyaata walin fudhachuu qabna.
✍Qoricha kana kiniinii alanfatamu yoo ta'e alanfannee bishaan burcuqoo takka walin fudhachuu qabna.
✍Namoota ga'eessaa ta'aniif qoricha Aspirin guyyaa sa'atii 24 keessati yeroo takka, lama ykn sanii oli haala dhibichaa irrati hundoynee fudhachuu ni dandeenyaa .
✍Namoonni qoricha Aspirin fayyadamaa turan yoo yaala baqaqsanii yaalamuu fudhachuu deeme ogeessa fayyaa beeksisee yeroo gabaabduu erga turee booda yaalaa kana fudhachuu ni danda'a.
▪︎Jaanjahuu.
▪︎Gaggabdoo.
▪︎Gubaa lappee.
▪︎Gubaa garaachaa.
▪︎Sardaan harganuu.
▪︎Haqqisuu/Lolloocuu.
▪︎Dhukkubbii garaachaa.
▪︎Dhukkubbii mataa salphaa.
▪︎Gurra keessaa sagaleen bilbilaa namati dhagahamuu.
▪︎Hubannaan sobaa kan akka sagalee,argaa fi kkf kan dhugaan hin mul'annee namati dhagahamuu.
▪︎Bowlii dhiiga qabu ba'uu,dhiiga qufa'uu ykn haqqisuu.
▪︎Tempireechari qaamaa guyyaa 3 oliif dabalee turuu.
▪︎Guyyoota 10 oliif dhiita'uu ykn dhukkubuu fi kkf mul'achuu fa'adha.
✍kanaafuu yeroo mallattoolee armaan olii kana ofirrati arginee qoricha kana yeruma san fudhachuu dhaabnee hatattamaan gara mana yaalaa deemnee ogeessa fayyaa beeksisuu qabna. https://www.youtube.com/@Rayedjibril Fayyaa ta'aa. Horaa bulaa.

2️⃣.Qorichi Aspirin yeroo yaalaaf fayyadamnu fayyaa keenyaaf faayidaa akkamii qaba?
▪︎Mallattoo dhukkuba rheumatoid arthritis.
▪︎Mallattoo dhukkuba osteoarthritis.
▪︎Tempireechara qaamaa to'achuuf.
▪︎Dhukkubbii mataa.
▪︎Dhukkubbii yeroo marsaa laguu.
▪︎Dhukkubbii ilkaanii.
▪︎Dhukkubbii maashaalee.
▪︎Dhukkubbii qomaa.
▪︎Dhukkuba miidhama onnee ittisuuf.
▪︎Dhukkuba iistirookii ittisuuf fi kkf yaaluuf gargaara.
3️⃣.Qoricha Aspirin yaalaaf fudhachuun durati maali godhuu qabna?
✍Namoonni alarjii qoricha Aspirin, dhibee garaachaa fi dhiiguu mar'iimaanii,dhibee asmii,dhiiguu,alargii qorichoota garee farra dhukkubbii (NSAID) qabu qoricha kana gonkuma fayyadamuu hin qabuu.
✍Namoonni dhukkuba asmii ykn rakkoo fayyaa alarjii, madaa garaachaa,dhukkuba tiruu,kalee,rakkoo dhiiguu ykn kantaruu dhiigaa qabu,dhukkuba onnee, dhibee dhiibbaa dhiigaa olka'a,dadhabina onnee, fi kkf qabu ogeessa fayyaa beeksisu malee qoricha kana fayyadamuu hin qabuu.
✍Akkasumas yeroo qoricha Aspirin yaalaaf fayyadamaa jirru alcoolii dhuguu irraa fagaachuu qabna.
✍Qorichoonni qabbanaa,alarjii fi qorichoonni dhukkubbii qoricha aspirin ykn qorichoota (NSAID) biroo of keessaa qabaachuu wan maluuf ogeessa fayyaa gaafannu malee callisnee qorichoota kana qoricha Aspirin walin fayyadamuu hin qabnuu.
✍Yeroo qoricha aspirin dhibee istirookii fi miidhama onnee yaaluuf fudhachaa jirru akkasumas qoricha ibuprofen rakkoo fayyaa birootiif yoo fayyadamne qorichoota kanniin walirra buusnee fayyadamuu hin qabnu qoricha ibuprofen yoo xiqqate daqiiqaa 30 booda aansinee ykn sa'atii 8 qoricha aspirin dursinee fayyadamuu qabna.
✍Dubartiin ulfaa qoricha Aspirin ji'oota ulfaa gara boodaa fayyadamuun haadha ykn daa'ima ishee yeroo da'umsaa rakkoo dhiiguutiif saaxiluu wan maluuf ogeessa fayyaa gaafattu malee qoricha kana fayyadamuu hin qabduu.
✍Haati hoosiftuu qoricha aspirin fayyadamtee daa'ima ishii hoosisuu hin qabduu.
✍Ijoolleen waggaa 16 gadii qoricha Aspirin fayyadamuu hin qabduu.
✍ Qoricha kana iddoo hoo'aa fi jiidhaa irraa fageeysinee tempireechara dareetti kuusuu qabna.
4️⃣.Qoricha Aspirin yeroo yaalaaf fudhannuu akkamiti fudhachuu qabna?
✍Akkaatuma ogeessi fayyaa ajajeti sirriti hubannee fudhachuu qabna.
✍Qoricha Aspirin gubaa garaachaa hir'isuuf nyaata walin fudhachuu qabna.
✍Qoricha kana kiniinii alanfatamu yoo ta'e alanfannee bishaan burcuqoo takka walin fudhachuu qabna.
✍Namoota ga'eessaa ta'aniif qoricha Aspirin guyyaa sa'atii 24 keessati yeroo takka, lama ykn sanii oli haala dhibichaa irrati hundoynee fudhachuu ni dandeenyaa .
✍Namoonni qoricha Aspirin fayyadamaa turan yoo yaala baqaqsanii yaalamuu fudhachuu deeme ogeessa fayyaa beeksisee yeroo gabaabduu erga turee booda yaalaa kana fudhachuu ni danda'a.
5️⃣.Qorichi Aspirin miidhaalee akkamii fiduu mala/danda'aa?