Abbootii Qabeenyaa Oromiyaa

Oromiyaatti baatiwwan jahan darban Abbootiin Qabeenyaa Kaappitaala Birriii biiliyoona 100 fi Biiliyoona 66 ol galmeessan simatamaniiru jedhame.
Naannoo Oromiyaatti baatiwwan jahan darban Abbootiin qabeenyaa kuma 10 Kaappitaala Birriii biiliyoona 100 fi Biiliyoona 66 ol galmeessan simatamuu Biiroo Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa wabeeffachuun FBC afaan Oromoo gabaaseera.
Sosochii "Itoophiyaan Haa Oomishtu" Oromiyaan haa Oomishtu" jedhuun walitti fufiinsaan gaggeeffamaa jiruun naannichatti jijjiiramni qabatamaan jiraachuu Hogganaan Biiroo Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis ibsaniiru.
Baatiwwan jahan darban Godinaalee Oromiyaa hunda keessatti mariin sosochii ‘Itiyoophiyaan haa Oomishtuu’ ‘Oromiyaa haa Oomishtuu’ bal’inaan gaggeeffamaa jiraachuunis ibsameera.
Obbo Ahmad jijjiramni qabatamaan mul’achuu eeruun, abbootii qabeenyaa birattis abdii horuufi Baatiwwan jahan darban kanattis Kenni tajaajila abbootii qabeenyaa akka fooyyaa’u taasifamuu, Lafa invastimantiif fudhatanii kanneen hojitti hin galiin hojitti akka galan taasifamuunis beeksifameera.
Naannichatti Invastimantii bu'a qabeessa taasisuuf hojii hojjetameen waliigala hanga ammaatti Pirojektoonni Invastimantii kuma 14 hojitti galaniirus jedhameera.
Akkasumas Oomishaaleen indaastirii caalmaatti akka ciman taasisuu fi Indaastiriiwwan sababa garaagaraan Oomisha addaan kutan gara Oomishaatti akka galan taasifamuu eeraniiru.
baatiwwan jahan darban Pirojektoonni Invastimantii fi Indaastirii kuma 1fi 370 ol gara Omishaatti galuu dubbataniiru.
Baatiwwan jahan darban oomishaalee alatti ergamanirraa galiin Doolara miiliyoona 500 argamuu Obbo Ahimad himaniiru.
Lammiilee kuma 100 ‘fis carraan hojii umamuu Obbo Ahimad dubbataniiru jechuun FBC Afaan Oromoo tu gabaase.

Post a Comment

Previous Post Next Post

Popular Items