Of Arguu Dhabuu

#Of_Arguu_Dhabuu! Of arguu dhabuun (Hypocrisy) rakkoo guddaa jireenya namaa qilee buusudha. Seenaa kana gadii yoo dubbiftee dhugumaan rakkoo of arguu dhabuun nama dhuunfaa bira darbee biyya irraan illee gahu in hubatta. Saba tokkoofi mootii isaaniitu waliif galuu dide. Sabni kun hedduu mootii isaanii irratti ka'anii isa hammeessuu malee didani. Mootiin kun garuu saba kana gaggeessuu irratti jallina hin qabu ture. Isa booda yeroo fincilli isaanii akka malee heddummaatutti karaa itti of arguu dhabina isaanii itti agarsiisu mala dhahuutti ka'e. Mootiin kun ogummaan waan gaggeeffamuuf sabni kun of arguu dhabuu hamaa keessa akka inni galeefi mootii komachuu malee ofii abboomamuun akka isaan irraa fagaate isaanitti agarsiisuu barbaade. Isa booda abboommii tokko baasee labsii saba naannoo sana jiru hundumaa sanatti labse. Boolla guddaa tokko qochisiisee namni hunduu galgala mana isaatii aannan burcuqqoo tokko tokko fidee akka inni boolla kanatti naqee bulu abboome. Namni isaan eegus hin jiru, kan isaan gaafatus hin jiru...! Haa tahu malee abboommii mootii kanaa qofa dhagahanii akka isaan aannan kana boolla kanatti guutanii bulan abboome. Isa booda namichi tokko galgala yaada isaatti waatu dhufe "Amma namoonni hedduun yoona kana aannan hedduu boolla sanatti naqanii jiru; ani aannan geessuun ana hin barbaachisu; kanaafuu bishaan burcuqqoo tokko geesseen itti naqee gala, aannan kana hundaa keessaa bishaan burcuqqoon tokko hin mul'atu" jedhe. Isa boodas akkuma jedhe dukkana keessa deemee bishaan sana boollatti naqee gale. Mootiin mandara sana bulchu ganamaan ka'ee boolla qochisiise sana yeroo ilaalu boolli sun aannaniin osoo hin tahiin bishaaniin guutee arge. Namni hunduu akka namicha bishaan burcuqqoo tokko geesse sanaatti yaadeeti bishaan fudhatee deemee boollatti naqee gale. Hundi isaanii yaada tokko qabu. "Namni hedduun aannan geessa waan taheef bishaan koo burcuqqoon tokko tasuma iyyuu aannan amma kanaa keessaa hin argamu, kanaaf aannan geessuun ana hin barbaachisu" jechuutti hundi isaanii aannan osoo hin tahiin bishaan boollatti naqaa bulani. Ganama mootichi hunduma isaanii waamee hojii isaaniifi of arguu dhabuu isaanii isaanitti agarsiise. Isaanis qaaniidhaan lafa ilaalaa mana mana isaaniitti galani. Mootiin kunis hunduma isaaniif adaba caalu kenneefii...! Yaa obboloota ko, hedduun hardha Waaqayyoon komatu malee ofii isaanii abboomamuu hin beekani. "Waaqayyo akkas na godhee...akkas na taasisee...na gargaaruu didee...na eebbisuu didee... Cirrrrr....xizzzzzz..." Jechaa oolu...! Balleessaa dhabuun warra qajeelotaa isaanuma in geggeessa; micciiramummaan warra hin amanamnee garuu, isaanuma in balleessa. (Fak 11:3) Tole jettanii yoo abboomamtan wanta gaarii lafichi baasu in nyaattu; diddanii yoo ana irratti kaatan garuu, billaan isin in nyaata' jedhee ani Waaqayyo dubbadheera'' jedhe. (Isa 1:19-20) Waaqayyoon yoo dhageenye, isaaf yoo abboomamne, isa komachuu yoo ofirraa fageessine akka dhuunfaattis, akka waldaattis, akka biyyaattis dhimmatti hin eebbifamneefii hin qabnu. Namni hedduun guddachuu barbaada, dubbachuus barbaada. Rakkoon isaa garuu abboomamuufi taa'ee dhaggeeffachuu irrattidha. Of arguu dhabuun hadurroota hedduu akka leencaatti akka isaan of ilaalan taasiseera. Isinan Jaaladha! @highlight Bayanane dha

Post a Comment

Previous Post Next Post

Popular Items